Dame na keesa jirtu ta mid'aani imbaamne ch'ufa inni imballeesa, dame mid'aani baaftu ch'ufa inni kolkoleti mid'aasa aka mid'aani haga qarale ira baaftu.
Worri kunini qarale gumi teennaaniti, tanaafi nu biraa yaa; yo sila gumi teenna keesa jiraatani, nu woliini taani. Ammo wonti worri nu biraa yaeefi aka tokoleeni gumi teenna intahiini agarsiifti.
Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.