4 Na keesa taa, anileeni isani keesa taa. Akuma dameeni koba ufi mid'aani imbaamne, yo mukha zabibuti ejitu male, akasuma isanileeni woma indandeenne, yo na keesa teetani male.
Tunini enu ta lafa aloo keesa jaala ufiti hirkate gad'uftu? Anini mukha mapeera fulla atini iti d'alate jala si kaase.
Worri Israeli amma tana waaqoota d'ara maani iraa qaba? Anini kad'acha worraa d'agayeefi worra qorqorad'e, aka mukha doti worra gaadiseesa. Hormaati worraa ch'ufti naraa d'ufa.
Mukhi dansaani mid'aani dansaa d'ala, mukhi hamaani mid'aani hamo d'ala. Mukha ch'ufa mid'aani inni d'aluuni beekhani.
Mid'aani biyye dansa keesa jigani suni jara dubbi d'ageennaani garaa d'ugatiifi dansaani qabate obse mid'aani baasu fakaatani.
Guyya suni aka anini Abba keesa jiru, ka akuma anini isani keesa jiru ka isanileeni na keesa jirtani beetani.
Anini worra keesa jira, atinileeni na keesa jirta, aka worri akuma d'ugaa taka tahu, aka nami lafa aka atini na ergite beekhe, ammalle aka atini akuma na jaalatu worrale jaalatu beekhu.
Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu na keesa taa, anileeni isa keesa taa.
Duuba Yesoni Yahudi isa d'ugefateeni waan jed'e, Isani yo dubbi tiyya guuttani, d'uguma jara kiyya taatani;
D'umnaani inni eeba Waaqa arge guddo gammade nama ch'ufati hime, aka garaa tokooni Aabbo d'ugefatani.
garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.
Ufi ilaala, ufi qora, aka, d'ugefacha keesa teetani ufi agartani. Isani aka Kristo Yesoni isani keesa jiru beetu? Yo isani ufi injibaatiini.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.
aka Kristoni, garaa keesani keesati qubatu, maro d'ugefachatiifi. Anini inkad'ad'a, aka hiddafi yayabi keesani jaalala keesa tau,
Jireenni keesani waan dadansa ka Yeso Kristoni fed'uuni guutama, aka maqa Waaqa guddisani faarsani.
Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.
Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.
Waan isani Kristo Yeso Aabbo keesani tolfattaniifi, isa keesa taa.
Maro waan kanatifi anini obsu dad'abe Timotheo erge, D'aqi, d'ugefacha worra suni ilaali jed'eeni, aka Sheet'ani isani ilaalate, hujiini teenna ch'ufti lafati inhamne!
Nuu nama garagale baduuniti. Ammo nu d'ugefacha qamna, inuma baafamna.
nami, Anini Waaqa keesa jira ufiini jed'u, aka Kristoni tahe tahu male.
Nami barsiisa Kristo keesa inteenne, ammo biraa dabru, Waaqa inqabu. Nami barsiisa suni keesa tau Abbaafi Ilmale inqaba.