Lafa Gilgali keesa gaafasi namicha seseega woma keesa injirre ka Sheba jed'ani ka ilma Bikri, ka gosa Benjaminiti jira. Inni magalata d'ae iyye waan jed'e, Daudini ha baduti! Nu nami tokoleeni isa gula iyyaanu, worra Israeli biraa nu galcha!
Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.
inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.
Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,