7 Yeso waan jed'e, Isi lakisi, isiini waan kana ha haga na awaalaniti olkeetuuti.
Jennaani malaikaani AABBO Waaqaa waan Sheet'anani jette, AABBO Waaqi si balleesinna, Sheet'ana! AABBO Waaqi, ka Yerusalemu jaalatu, si balleesina! Nami kunini qoraani ibidaa, ka ibida keesaa fuud'aniniti?
Yesoni waan worri jed'e beennaani waan jed'eeni, Isani maafi teetani niiti tana gaargalchitani? Wonti isiini naa tolchite kunini guddo dansa.
Isiini aka nafa kiyya awaalaa na kurfeesitufi qayya na nat'e.
Yesoni waan jed'eeni, Isii iraa ch'allisa, maani iraa qabdani? Isiini waan dansa naa tolchite.
Nama toko jira ka Yusufu jed'ani. Inni nama dansa, ka d'uga, ka kora worra ke jiru,