41 Wonti Isayani dubbi tana jed'eefi, waan inni guddinna isaa arge waan isaa dubbateefi.
Haga Musafi raagi ch'ufati iti keyate, waan isaa ka t'aafi keesati t'aafani ch'ufa worraa diige.
Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.
Nami tokoleeni taka Waaqa ingarre, Ilma tokocha, ka Abbaani takaa, ka d'aatu Abbaa tau male, isati Waaqa nama beesise.
Yesoni waan jed'eeni, Ila Filipo, nu guyya heddu woliini teenne, ammalle na imbaranne? Nami na arge Abbaale la arge. Atini akami, Abba nu agarsiisi jetta?
Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!
Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.
Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.
Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.
Hojja wonti kunini d'uftuufi aka isiini d'uftu barbaadani. Lubbuuni Kristo, ta worra keesa jirtu, hojja tana akheete, gaargala Yesoni argachu maleefi guddinna eegi suni d'ufu himte.
Anini miila isiti jige isii guddise, ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini hojattuma aka keetiiti, ammalle aka oboleyaani teeti, worra d'uga Yesoni mullise jabeesu ch'ufa. Waaqa guddisi! Wonti akanatiifi d'uga Yesoni mulliseti raagoota dubbachiisa.