22 Ammalle ammatanale ani imbeekha, waan Waaqa kad'atu ch'ufa Waaqi sii kenna.
Na kad'ad'i, anini gosa lafa keesa jirtu ch'ufa sii kenna. Lafti ch'ufti haguma geetunu tante taati.
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
Yesoni waan isani jed'e, Yo atini dandeete jetta? Nama d'ugefatu wonti ch'ufti intaati.
Yesoni waan isiini jed'e, Oboleesi kanke inuma kaa.
Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.
Abbaani Ilma jaalate waan ch'ufa harka isati kenne.
Aka Waaqi nama daba qabu inch'aqamne imbeenna; ammo nama Waaqa kad'ate fed'i isaa tolchu Waaqi inch'aqasa.