34 Yesoni waan worraani jed'e, Seera keesani keesati waan t'aafani Waaqi waan jed'e, Isaniini ch'uftinu Waaqoota.
Ee AABBO Waaqa, anini garaa kiyya ch'ufaani galata si deebisa; waaqoota d'ibi ch'ufa durati si faarsa.
Waaqi ka abba kora gubba, woldeenna Waaqa ch'ufa keesati dubbate waan jed'u.
Waaqa inabaariina, ammalle nama gosa teesani fidule hamtu isaa indubbatiina.
Inni afaani sii tahe, biyyati sii dubbate, atinileeni aka Waaqa waan inni jechuu male isa barsiifta.
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Anini Farao durati aka Waaqa si tolcha, oboleesi kanke Harunileeni, aka raaga kanketi, isati dubbata.
Nu imbeenna aka dubbini t'aafiini jettu ch'ufti hojja ch'ufa d'uga ammalle Waaqi worra inni d'aamsa ufii iti ergeeni Waaqoota jed'e.
Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?
Wonti kunini ch'ufti aka dubbini Seera worraa keesati t'aafani ta, ufumaa na jibbani jettu guutamtu.
Seera keesani keesa waan t'aafani, yo dubbi qorani keesa nami lama d'uga bahe, dubbini suni d'uga jed'ani.
Seera Waaqa keesati waan t'aafani. Aabbooni waan jed'u, Anini worra kanati dubbad'a; nama afaani d'ibi dubbatuufi hid'i nyaapatiini iti dubbad'a. Ammo yo sunile gumiini tiyya na inch'aqaftu.