21 Ammo nami gari waan jed'e, Dubbini tuni ta nama jinni qabutiiniti. Jinniini dandeete nama balla ilaa banti?
ballaale ila bana. Inni nama jige kaase gumi ufi ta d'uga gula yaatu jaalata.
Waaqi ka gurra nuu kenne, woi ind'agayu? Inni ka ila nuu kenne lafa inargu?
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Eentu afaani namaa kenna? Eentu afaanifi gurra nama duucha? Eentu ila nama bane duucha? Ana, AABBO Waaqaaniti?
Duuba worri wo tolchu kaani waan Faraoni jed'e, Kunini waan Waaqi tolche. Ammo Faraoni garaa jabaate, akuma AABBO Waaqi qara jed'e kaani worra ch'aqasu dide.
Gurra woini d'agayanifi ila woini arganile AABBO Waaqati namaa kenne.
ballaani lafa arga, naafi indeema, nami qomaat'a qabu inqulqulla, duudaani ind'agaya, reefale kaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Bara d'aamochaa suni guyya jila qaabacha gaafa Mana Waaqa Yerusalemu keesati banani eebisani,
Akasi jennaani, hanch'ufa tufe, biyye harkaani supe, d'oqe suni ila namicha suni dibe