Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Yihudaa 1:21 - KITAABA WAAQA

21 jaalala Waaqa keesa taa, ato Aabbo Yeso Kristo ka naasu ufitiini jireenna hegeri is isanii kennu eegattanu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Yihudaa 1:21
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nami yo due dandae inkaa? Ammo anini guyya gomitani nati d'ufte eegad'a, haga gaargali kunini naraa hobauti.


Waaqi Seera ufii Musani namaa kenne, ammo eebafi d'ugaani kara Yeso Kristotiini d'ufte.


Nami seera kiyya fud'ate guutu na jaalata. Nama na jaalatu Abbaani kiyyaleeni injaalata; anileeni isa jaalad'e isa ufi beesisa.


D'umnaani inni eeba Waaqa arge guddo gammade nama ch'ufati hime, aka garaa tokooni Aabbo d'ugefatani.


Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.


Abdiini tunini nu inch'eersitu, waan Waaqi jaalala ufi Lubbu Qulqullooni garaa keenna keesa dambalaaseefi. Lubbuuni Qulqullooni suni qarqaarsa Waaqi nuu kenne.


Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.


lafa gubbatiifi lafti gadileeni — wonti tokoleeni ta jaalala Waaqaatiini gargari nu baaftu injirtu, ta maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi teenna taate.


Eebiti Aabbo keenna Yeso Kristo, jaalalti ta Waaqa wold'aqisi Lubbu Qulqulloleeni ha nuu ch'ufa woliini tau.


Aabbooni jaalala Waaqaatiifi obsa Kristoni namaa kennuti isani akheekhiina.


Gara Timotheo, ilma kiyya ka d'uga d'ugefacha keesa: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya si kenninna.


Waaqi worra Onesiforoti nahiinna, waan inni maro heddu garaa na jabeeseefi. Inni waan anini hid'aansa keesa jiruufi na injibine,


Aabbooni aka inni Guyya suni naasu Aabbo iraa argatu tolchiinna! Atini waan inni Efeso keesati naa tolchele akuma dansa beeta.


Gara Timotheo, ilma ani jaalad'u: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya sii kenninna.


Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


ato Guyya Waaqaa eeddanu, jabaad'a aka Guyyaani suni hurrise d'ufu — Guyya gubbaani gubatte badde, wonti gubba jira ch'ufti bat'e baddu.


Nuleeni imbeenna, ammalle ind'ugefanna jaalala Waaqi nuu qabu. Waaqi jaalala, nami jaalalaani tau ch'ufti Waaqa keesa taa.


Nu imbeenna aka ijoolleeni Waaqaa daba hojja ch'ufa intolchine wonti akanatiifi Ilma Waaqati isi qorqorata aka hamaani kaani dandae woma isi intolchine.


Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa.


Gara isaa ka dandae jigu isani d'owe, wollaala male gammadaani guddinna isaati isani geesu.


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ