Anini ya waan ch'ufa isani agarsiise, aka nu akasi hojanne nama lalaafa qarqaaru malle. Ammalle dubbi Aabbo Yesoni jed'e qaabad'a, ta inni, Wonti kennani waan fud'atani ira eeba qabdi jed'e.
akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.