Qaaloleeni shifta fakaatti, ta d'okhate karaati nama eeddu. Kara fulla qulqullo Shekemu deemuleti nama ijeefti; ammalle waan kana ch'ufa beekhaa tolchiti!
Worri dira suniti mataa gumbo nyaate dubbi namaa qora; qaaloleeni wo nama ira fud'attu male seera nama imbarsiiftu. Raagootileeni beese male woma namaa inhimtu. Duuba worri kunini ch'ufti, AABBO Waaqi nu woliini jira, nu woma intaanu jed'a.