Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.
Hamtu wolindubbatiina, oboleyaani tiyya. Nami hamtu oboleesa ufi dubbate yokhaani isa qoru ya waan hamtu Seeraa dubbate qore. Yo Seera qortani, isani nama Seera guutuuniti, ammo ka Seera qoru.