18 Inni ammalle kad'annaani bokeeni roobe, lafti mid'aani baafte.
Eliyaani waan jed'eeni, Nami Israeli balleese, ananiti siifi worra keesani, waan isani seera AABBO Waaqa ch'absitani, Waaqa Baali jed'ani gula baatanifi.
Waaqi harkaani boch'ani ka gochiti d'ibiini qabdu dandae bokayaani d'ufa? Gubbaleeni dandeete ebele iroobdi? Hiyo, ka namaa roobu siuma AABBO Waaqa keenna. Nami waan kana ch'ufa tolchu sii, abdiini teennaleeni gamuma kee jirti.
Taatule inni waan isa d'ugeesa taka ind'amne ammo waan dansa tolche, isanii roobe, mid'aani isanii kenne garaa keesani sagalefi gammadaani quufsa.