1 Had'iisafi loli jiddu teesani jiru ch'ufti eesaa baha? D'araa garaa keesani keesaa baha, ta hojja ch'ufa nafa keesaniini wolhaatu.
Eenuti garaa namaa hubata? Wonti aka garaa namaa nama soba injirtu, waan nami dandae fayyisuniti.
Garaa keesaa herega hamafi ijeechafi wolbarachaafi ch'abanumafi hannafi d'arafi arabati baha.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Ammo aka seeri d'ibiini mita tiyya keesa hojatu arga, seera ka seera qalbiini tiyya feetu jibbu. Inni tisse seera nafa kiyya keesa jiru na tolcha.
Gaafa nu d'araa nafa keenna gula yaane, d'araani dabaa ta Seeri tutuqe kaase nu keesa hojate duisaani d'ufte.
Tanaafi nami waan nafa heregu nyaapa Waaqaa taha; inni Seera Waaqa inguutu, guutule indandau.
Wonti nafi keenna fed'u waan Lubbuuni feetuuniti; waan Lubbuuni feetule nafi imfed'u: worri wolii nyaapa, tanaafi waan tolchu feetani dandeetani intolchitani.
Yaada lafa, ka isani keesa jiru ka aka sharmut'oma fa t'urifa, d'araafa, fed'i hamtufi sabdooma, awaalu maltani. (Sabdoomi aka waan harkaani boch'ani kad'atani jira.)
Ammo hasaa daalluma ka nama woma imbeenne lagad'u; wonti kunini woldidiisaani d'ufti, imbeeta.
Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.
Ammo wolmormiti daallumatiifi maqa heddu ka ababootatiifi woldidiisafi had'iisa waan seera lakisi. Wonti kunini ch'ufti woma tokole imbaatu.
Ammo nama ch'ufa d'araa isaa hamtuti ilaalata, hojja hirkifte isa sobdu.
Yo kad'attanile inargattani, wonti akanatiifi heregi keesani hama, waan isani gammachiisa ch'alla kad'achu feetani.
Ijoolle Waaqa saalfattu taha, d'araa gaafa woma imbeenne qabdani taani amma gula indeemina.
Anini isani kad'ad'a, jaalaani tiyya, ta aka keessumatiifi aka nama baqaa yau lafa tana keesa jirtani! D'araa nafa gula imbadiina, ta hojja ch'ufa lubbuuni woli haatu.
Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.
Qaraa fiit'e, hubachu maltani, aka guyya eege, nami gari ka d'araa nafa ufi ch'alla fed'u, gadi d'ufu. Isani koblani