Nu ch'ufti nama dabaati, hujiini teenna dansaleeni ch'arqi t'uriti fakaati. Maro daba keennatifi nu baala mukha ka qanch'oorate, qilleensi fud'ate, fakaanna.
Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.
Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.