17 Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.
Hojja nu qajeelchani waan nu lalefachiiftu fakaatti, nu ingammachiiftu. Ammo eegi suni, worri akana qajeelchani mid'aani nagaya ka jireenna d'uga argata.
Fuula Waaqaatiifi ka Kristo Yesotiifi, ka malaika qulqullo durati, anini si kad'ad'a, barsiisa tana gula deemi, nama tokole jaalatte gargari imfiliini.
ato aka ergattu Kristo nu waan feenu sila dandeenne isani ira barbaannele. Ammo nu gaafa isani woliini jirru guddo isani qorqoranne, akuma haati ijoolle ufi qorqorattu.
Daalleeni dubbi daalliti dubbate, ch'ubbu ch'alla herega. Inni waan tolchufi ka jed'ule ch'ufa keesa kara iraa gore maqa Waaqa balleesa, ammalle inni nama beela qabu beela imbaasu, ka d'eebu qabule bisaani inobaasu.