Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Yakobo 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Oboleesi hiyyeesi, yo Waaqi wo kenneefi, ha gammadu;

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Yakobo 1:9
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nami hafuuruma baafatani fakaata; diqaafi guddaleeni akuma taka jira, woma keesa injiru. Miisana gubba kai, biimi worri diqole inuulfatu, hafuurale ingahu.


Nami hiyyeesa koblu nama Waaqa isa uume tufatu; nama badi nama d'ibi fed'u, ufile badi inhanqatu.


Hiyyeesa ch'ubbu inqamneti daalle kiyyibdu ira gooma.


Hiyyeesafi nami guddinna inqamneleeni deebie gammade waan AABBO Waaqi qulqullooni Israeli namaa kennu argata.


Hayyoota barch'uma guddinna iraa kaase hiyyeeyi ira teteesise,


Ammo waan jinniini isani sarmitufi ingammadina, ammo maro maqa keesani gubbati t'aafanifi gammada.


Wonti akanatiifi nami ufi guddisu ch'ufti indiqaata, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.


waan worraani jed'e, Nami daima kana maqa kiyyaani jabeesu ya nale jabeese; nami naa jabeesu ch'ufti ka na erge jabeesa. Wonti akanatiifi nama isani keesa ch'ufa ira diqaati isani ch'ufa ira gudda.


Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.


ato nu lalefannele, nu hojja ch'ufa gammada qamna; hiyyeeyi fakaanna ammo nama heddu duroomsina; waan woma qamnu imfakaannu ammo waan ch'ufa inqamna.


Deega haguma jirani lafa teesani keesa ind'abani; tanaafi anini amma qarqaara wo kennaafi isaniini jed'a.


Yo dira lafa taatefu, ka AABBO Waaqi keesani isanii kennu tana keesa, gosa teesani keesaa deegi jiraate, garaa jabaatani, ufo taatani, qarqaaru indidina.


Ganni gati nama lakisani ya d'aate jettani, waan hamtu hereddani, gati ind'owatiina. Heregi akasi hamaani suni qalbi teesani inseeniini. Yo isani gati d'owattani, inni AABBO Waaqati bohe, isani ch'ubbu keesa seentani.


Tanaafi anini inutaala, aka nama ch'ufa qolche wo argad'u: wonti suni yaamicha Waaqa, Kristo Yeso keesa, gara jireenna gubba.


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


D'ipufi hiyyuma tante imbeekha. Ammo atini guddo dureeti. Anini d'ara ta jari Yahudi intahiini ka ammo Yahudi ufiini jed'u suni jed'u imbeekha. Worri gumi Sheet'anaati.


Inni hiyyeeyi awara keesaa fuud'e, nama laafa woma inqamne fulla daara iti harani keesaa baasa. Inni worra suni worra gugurda woliini teesise barch'uma guddinna kennaafi, yayabi lafaa ka AABBO Waaqati, inni isii irati waan ch'ufa jaare.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ