3 wonti akanatiifi isani imbeetani, aka hojja d'ugefacha teesani laalatani iti gamani obsafi jabeenna argattani.
Obsa akasi ch'allaani lubbu teesani baaftani.
Wonti akanatiifi waan t'aafi keesati t'aafani ch'ufa aka nu barsiisaniifi t'aafani, aka nu abdi maro jabeennaafi obsa t'aafiini nuu kennitu argannu.
Nami gari waan dansa tolcheti guddinnaafi ulfinnafi jireenna ind'umanne barbaadata: nama akana kana Waaqi jireenna hegeri kennaafi.
Ammo yo waan ingarre abdanne, obsaani eeganna.
Nu imbeenna, aka waan ch'ufa keesati Waaqi worra isaa jaalatu, ka inni fed'i ufitiini yaame, waan dansa tolchuufi.
Gaargali diqaani, ka yoosu hobau, ka nu qamnu kunini eegi tana guddinna hegeritiini nu d'ufa, ka gaargala suni ira jiru.
Irreeni guddinna isaa keesaa baatu ha isani jabeesitu, aka waan ch'ufa obsuma obsitani.
Maro waan kanatifi nu gumi Waaqa keesa dansooma keesani dubbanna. Aka isani obsitani d'ugefattani dubbanna, gaargalafi d'ipu isani argattani keesa.
Aabbooni jaalala Waaqaatiifi obsa Kristoni namaa kennuti isani akheekhiina.
Isani obsu maltani, aka fed'i Waaqa tolchitani, waan inni kakhate argattani.
Maro nami hedduuni aka dumansa nu marse nu laalufi, nu ulfinnafi daba jabeese nu qabu ufiraa baamne, d'ogoomsu nu dura tana aka d'iira oriu malle.
Nu isanii lalaaftani imfeenu, ammo aka worra d'ugefate obsu taatani feena, aka waan Waaqi kakhate argattani.
Wonti kunini aka d'ugefachaani teesani ta d'uga garsiifti. Worqi d'umattule bassani ibidaani laalatani; ammo d'ugefacha teesani, ta worqi ira wo baatu, laalachu malani, aka isiini haga hegeri teetu. Yoosi Guyya Yeso Kristoni mullatu saaduufi guddinnaafi ulfinna argattani.
hubacha teesaniti ufi qorqorti darad'a; ufi qorqorti teesaniti obsa darad'a; obsa keesaniti jireenna Waaqa darad'a;