Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Yakobo 1:18 - KITAABA WAAQA

18 Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Yakobo 1:18
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ee Israeli, atini gaafasi tiyyuma worra qulqullo anini qara d'ale. Anini gaargalafi badi nami siti game ch'ufatini d'ufa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Waan atini worra Israelitini jettu, Hojja isani lafa anini isanii Kennuni baatani mid'aani isii murattani, mid'aani qara haamatani wolti qaba qaallu geesa.


Gaargala keesani worra Sioni keesa machiini tau, ammalle isani ka gaara Samaria ira teetani lafa teesani nagaya seetani — isani worra gugurda, ka gosa Israeli guddo tana, ta biyyiti qarqaarsa iraa barbaaddu!


Worri suni fed'i nama gula ind'alanne, yokhaani nami worra ind'alle, ammo Waaqati worra d'ale.


Akuma t'aafiini jettu, Anini yayu abba gosa heddu si tolche. Tanaafi seeri sunini fuula Waaqa durati dansa, Waaqi Abrahamuuni d'ugefate suni Waaqa worra due jiraachise waan duri injirre lafaani d'ufu.


Wonti akanatiifi ato barsiiftu kunki kunki ta waan Kristo isani barsiiftu qabattanile abbaani keesani toko ch'alla. Jireenna keesani ka Kristo Yeso keesati anini abba keesani, waan anini Odu Dansaani isanii d'ufeeniifi.


d'aamsa keenna ka d'ugatiifi jabeenna Waaqaatiini. D'ugaani woraana wonte teenna, ta haanunifi ta ufira d'owarrunile.


Tanaafi nu worri qara Kristo heregatu guddinna Waaqa faarsina!


Isanileeni akasuma: gaafa dubbi d'uga d'ageetani, Odu Dansa ta baafamaani isanii d'ufte, isani Kristo d'ugefattani, jennaani Waaqi beesisa ufi isani ira keyate Lubbu Qulqullo ta kakhate isani kenne.


Ufi qorqorad'u, aka Waaqi huji tante quufu, aka hojattu huji ufiiti inch'eere, ammo ka d'aamsa Waaqa qajeelche himu.


Isani la jila ilmaani angafa ta Waaqati d'uftani, ta maqa isaani gara Waaqa gubbati t'aafani. Isani la Waaqati d'uftani, ka dubbi nama ch'ufa qoru, lubbu worra d'uga ka qit'eele.


Duuba d'araani isaa hamtuuni taani garaachoofte daba d'alti; ammalle dabi, eegi guddate duisa d'ala.


Adaba t'uritiifi huji hamtu ch'ufa lagad'a. Dubbi garaa keesani keesati fach'aasani, ta dandeete lubbu teesani baaftu, kara laanatiini fud'ad'a.


Ammo yo garaa keesani keesa d'iibi hamtuufi ufi jaalala qabaattani, ufi saaddani d'uga ind'areesiina.


Maro dubbi Waaqa ta haga hegeri jirtuufi, ya aka ijoolle didiqo ta abbaafi haati dootuniti ammo ta indoone d'alattani.


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


Nami Waaqaani d'alate daba intolchu, waan jireenni Waaqa isa keesa taufi; ammalle inni dandae daba intolchu, maro inni Waaqaani d'alateefi.


Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ