Guyya suni nami ch'ufti waan jed'u, Inni Waaqa keenna! Nu isa abdanne, innileeni ya nu baase. Inni AABBO Waaqa! Nu yayu isa abdanne, amma waan inni nu baaseefi gammada qamna.
Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.
Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.
akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.
Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.