Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Tiitoo 2:12 - KITAABA WAAQA

12 Eebiti sunini waan nuuni jettu, waan hamtu ka Waaqi infeenefi d'araa nafa lakisa, ufi qorqorad'a, qajeela, lafa tana keesa jireenna Waaqi fed'u keesa taa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Tiitoo 2:12
59 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

aka gumiini isaa aadaafi seera isaa jabeesite guutu. AABBO Waaqa faarsa!


Aka AABBO Waaqi nama d'uga gula deemu ch'ufa fohate qaabad'a, hojja anini isa yaamad'u inni na d'agaya.


Anini lubbu tiyya isani keesa kaye, seera kiyyafi aada anini isanii kenne ch'ufa isani guuchisiisa.


Nami Ilma Nama miid'u araarama argata; ammo nami Lubbu Qulqullo miid'u haga jiru jireenna araarama inargattu.


Jennaani Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Yo nami tokoleeni na gula deemu fed'e ha ufi mormate, maskali ufi baate na gula deemuti.


waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.


Worri lachu Waaqa durati worra d'ugaati, wollaala male seera isatiifi aada isaa ch'ufa guutani.


Aka qulqulloomafi d'ugaani guyya keenna ch'ufa isa dura yaanu.


Armaa achi anini guddo isaniini indubbad'u, wonti akanatiifi hayyuuni lafa tana d'ufuti jira, inni jabeenna womatu ka woiini na tolchu inqabu.


Gama galaana kaanti isa argani waan jed'aniini, Aabbo, yoomi armaani baate?


Tanaafi anini guyya ch'ufa Waaqafi nama duraleti aka wollaala male deemu ufi d'owa.


Ato Pauloni tae waan d'ugaatifi ka obsaatifi ka qorsuma hegeri d'uftu dubbatu, Felikini sodaate waan jed'e, amma beeni, yo isiini naa fuute si yaama.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Dabi iti deebie nafa keesani imohatiini, aka isani d'araa nafa keesani gula iyaane.


Anini maro laafinna nafa keesanitiifi akana dubbad'a. Duri isani tissele t'uritiifi ta waan hamtu taatani hameenna jabeesitani. Akasuma ammalle tisse d'uga ufi tolchu maltani, aka qulqulloomtani.


Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani.


Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.


Kakhu tana ch'ufa nuu khakhatani, jaalaani tiyya! Tanaafi waan nafafi lubbu t'ureesa laganna, qulqulloomne soda Waaqaa keesa tau malle.


Aka d'aloota hama kana keesaa nu baasu Kristoni maro daba keennatifi ufi baase, fed'i Waaqa Abba keennati guute.


Worri Kristo Yeso gula yau ya nafa ufi ijeese, d'araafi fed'i isaa ch'ufa woliini.


Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi


Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.


Ammo amma maro duisa nafa Ilma isaatiifi Waaqi ya ufiti isani araarse aka isaani qulqulleese qit'oomse wollaala male fuula isaa duraani d'ufu.


Waaqi, Algalooma keesa taa nuuni injenne, ammo Qulqullooma keesa taa jed'e.


Wonti anini, Nama d'ugefatu jaalad'a jed'e t'aafuufi injirtu. Waaqi ya aka isani woli jaalattani isani barsiise.


Nami tokoleeni maro atini kaimatiifi si intufatiini, ammo akheekha jara d'ugefate tahi, dubbifi adabaafi jaalalafi d'ugefachaafi qulqulloomaani.


Dureeyi lafa tanatiini ufi inguddisiina, abdi teesani durooma lafa tanaa, ka nami waan isi aka imbeenne ira inkeyatina, ammo Waaqa ka arjoomaani waan ch'ufa namaa kennu gubba keyad'a jed'iini.


Ammo worri dureesa tahu fed'u ilaalacha keesa seene, t'urura daallumatiifi ka d'araa hamtu keesa seenani, ka baditi nama hirkisu.


Nama Kristo Yeso woliini jireenna Waaqi fed'u keesa tau ch'ufti ingaargalchani;


Demani ya waan lafaa jaalate na lakise, Thesalonike d'aqe.


Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.


Nami tokoleeni gaafasi nama d'ibi imbarsiisu, yokhaani nami tokoleeni oboleesa ufitiini, Aabbo beekha injed'u. Wonti akanatiifi worri ch'ufti na beekha, diqaafi guddaani worraleeni.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Tanaafi Waaqi aka nama d'uga gaargala isaa duraa baasu imbeekha, ammalle nama hama haga Guyya Qorsuma gaargalchu imbeekha,


Maro wonti kunini ch'ufti akana badduufi, isani nama akami tahu maltani? Jireenni keesani ch'ufti ha qulqullae Waaqa durati qit'au,


Yayu muudani; haga Lubbuuni suni isani woliini jirtu, nama isani barsiisu imfeetani. Lubbuuni waan ch'ufa isani barsiifti, wonti isiini isani barsiiftu waan d'ugaati, d'araaniti. Barsiisa Lubbu ch'aqasa, Kristo keesa taa.


nami, Anini Waaqa keesa jira ufiini jed'u, aka Kristoni tahe tahu male.


Nu imbeenna aka nu ka Waaqa ammalle aka lafti ch'ufti harka Hama Kaani keesa jirtu.


Worri waan isaniini jed'e, Gaafa muummeeni d'iaatte, nama isani kobluti d'ufa, ka d'araa ufi hamtu ch'alla gula yaau.


Jari qulqullooni ka seera Waaqa guute d'ugefacha Yeso jabeesu, waan kana obsu male.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ