Ahimelekini waan jed'eeni, Askarti tante ch'ufa keesa nami aka Daudi waan d'uga tolchu injiru. Inni sodda keeti, ammalle nama gudda askarti ka si tissu, ka nami si hojatu ch'ufti guddo saalfatufi.
AABBO Waaqi nama d'ugaafi qajeeluma gula deemu ineebisaafi. AABBO Waaqi arra ya harka kiyyati si kenne, ammo anini nama inni muude hayyu tolche tuqu dide.