Hiramuni d'aamsa Solomoni d'ageennaani aka male gammade waan jed'e, Arra maqa AABBO Waaqa ha faarsani, waan inni ilma qaro akana kana Daudii kenne, ka hayyuma isa iraa fuud'e gosa guddo akana tana fidu!
Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;