Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Tiitoo 1:2 - KITAABA WAAQA

2 ta jireenna hegeri abdattu barsiiftu worra barsiisu. Waaqi, ka d'ara indubbanne, ya jireenna kana duru nuu kakhate,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Tiitoo 1:2
46 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ammo yo isani na diddani aka hama woraanani dootani. Dubbi tana ana AABBO Waaqati jed'e.


Waaqi namaaniti, ka kiyyibu; inni namaaniti ka qalbi jijiratu inni waan jed'e inguutu? Waan dubbate intolchu?


Duuba Hayyuuni waan hooliye harka mirgatiini jed'u, Abbaani kiyya ya isani eebise, koota, guddinna haga lafa uumani isani mid'aasani seena.


Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.


Ato Yesoni kara gula deemu, namichi toko isati utaala d'ufe, jilbifate isa gaafate waan jed'eeni, Aabbo dansa, anini maani tolcha aka jireenna hegeri argad'u?


maro d'ibba toko hagasi ira argata. Inni hojja tana, maneenifa, oboleyaanifa, haad'afa, ijoollefa, oobrule, argata gaargala woliini, ammalle takaa tana jireenna hegerile argata.


Anini jireenna hegeri kennaafi, isiini haga jirtu indootu; nami tokoleeni harka kiyya keesaa imfud'atu.


Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.


Ee Aabbo, aka nami atini naa kennite suni fulla anini deemu na woliini tau fed'a, aka guddinna kiyya ka atini naa kennite argani; wonti akanatiifi atini ato lafti inuumamiini na jaalatte.


Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!


Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu jireenna hegeri qaba, anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


Simoni Petroni waan jed'eeni, Aabbo, eennuti yaana? Atini dubbi jireenna hegeri qabda.


Aabbooni, ka duri waan kana ch'ufa nama beesise akana jed'a.


Odu Dansa tana Waaqi duri afaani raagootatiini kakhate t'aafi qulqullo keesati t'aafani.


Waaqa guddimna! Inni Odu Dansa Yeso Kristo ta anini odeesu gula d'ugefacha teesani jabeesu indandaa, ammalle mullacha waan d'ossa ka ganna heddu d'ossani gula.


Nami gari waan dansa tolcheti guddinnaafi ulfinnafi jireenna ind'umanne barbaadata: nama akana kana Waaqi jireenna hegeri kennaafi.


Inni ya d'ugefacha teennaani, eeba Waaqaatiini nuu d'ufe, ta nu amma keesa jiru tana. Nu maro abdi, aka guddinna Waaqa qoodannu qamnuufi gammanna!


Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.


Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


ta Aabbo Yesofi raagoota ijeefte nule d'ibde worrale gaargalchite. Guddo Waaqa dalansiisani! Nama ch'ufa guddo jibbani!


Ammo nu ka guyyaati, kurfo tau malle. D'ugefachaafi jaalala aka ubaara qomati keyachu malle, d'aabu teenna ta baafamale aka ruufa marachu malle.


Utaalcha d'ugefacha keesati aka dansa utaali, jireenna hegeri argad'u; wonti akanatiifi maro jireenna kanatifi Waaqi sii yaame, gaafa atini d'ugefacha tante gumi durati himatte.


Kara kanaani yayaba hori ka hegeri namaa tahu tolfatani. Duuba akanaani jireenna d'uga argatani.


Maqaani kiyya Paulo, anini fed'i Waaqa gula ergatta Yeso Kristoti, isati na erge, aka anini jireenna maro Yeso Kristotitiifi nuu kakhatani odeesu.


Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne,


maro waan kanatifi anini gumi Waaqi fohate jed'e obsa, aka worrileeni baafama Kristo Yeso keesa jiru argatu, guddinna hegeri woliini.


yo nu d'ugefacha iraa gorrele, inni ka d'ugefatani, waan inni dandae ufi imormanneefi.


Ufi qorqorad'u, aka Waaqi huji tante quufu, aka hojattu huji ufiiti inch'eere, ammo ka d'aamsa Waaqa qajeelche himu.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Atini akheekha huji dansa waan ch'ufa keesati worraa tahi. Barsiisa tante jabeesi, aka dansa barsiisi.


aka maro eeba isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne jireenna hegeri ka nu abdannu argannu.


Tunini waan Kristoni nuu kakhate, aka jireenna hegeri nuu kennu.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


jaalala Waaqa keesa taa, ato Aabbo Yeso Kristo ka naasu ufitiini jireenna hegeri is isanii kennu eegattanu.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Bineensi atini argate suni duri injira, ammo amma injiru; diquma boola keesaa imbahiini, aka balleesani. Nami lafa keesa jiru, ka maqa worraa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna keesati int'aafiini, yo bineensa suni ilaalani imaadefatani. Wonti akanatiifi inni duri injira ammo amma injiru, hegeri imullata.


Waaqi guddaani Israeli d'ara indubbatu yokhaani heregi isaa garaingalu. Inni namaaniti, ka herega garagalfatu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ