Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Roomaa 8:9 - KITAABA WAAQA

9 Ammo isani herega nafa gula iyaatani, ammo herega Lubbu gula yaatani, yo d'uguma Lubbuuni Waaqa isani keesa jiraatte. Nami Lubbu Kristo inqamne ch'ufti ka isaatiiniti.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Roomaa 8:9
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Anini garaa haareesafi qalbi hareeti worraa kenna. Anini garaa worraa jajaba aka d'akha suni jijire, garaa laafa ka Waaqaa saalfatu kennafi.


Yoosi, yo isani nami hamamaani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, maro hagami hagasi ira Abbaani gubbaa Lubbu Qulqullo jara isa kad'atu kenna?


Inni Lubbu d'uga, ka nami lafa dandae inarganne, waan isa ingarre yokhaani isa imbeenneefi. Ammo isani imbeetani, waan inni isani woliini tae, isani keesa haga hegeri tauufi.


Yesoni waan jed'eeni, Yo nami na jaalate dubbi tiyya guuta, Abbaani kiyyaleeni isa jaalata, ammalle nu isati d'umne fulla isaa teenna.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


Worri Misia geennaani Bithiniati dabru fed'e, ammo Lubbuuni Yeso worraa d'owarte.


Gaafa nu d'araa nafa keenna gula yaane, d'araani dabaa ta Seeri tutuqe kaase nu keesa hojate duisaani d'ufte.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


Yo Lubbuuni Waaqaa ta Yeso duisa keesaa kaafte isani keesa jiraatte, yoosi ka Yeso duisa keesaa kaase nafa keesanile jireenna inkenna, Lubbuuni isaa ta isani keesa jirtuuni.


Wonti akanatiifi seeri Lubbu, ka jireenna maro Kristo Yesotiifi nuu kennu, ya seera dabaatiifi ka duisa jala naa baase.


Ammo nami ch'ufti fulla ufii qaba: Kristoni nama ch'ufa dura jira, eegi suni worra Kristoti, gaafa inni d'ufu.


Isani aka mana Waaqa ufi imbeetani? Ammalle aka Lubbuuni Waaqa isani keesa teetu ufi imbeetani?


Ammo nami Aabbooti ufi mat'ansu lubbu keesa isaani toko taha.


Aka nafi keesani mana Lubbu Qulqullo, ta Waaqi isanii kenne, ta isani keesa teetu imbeetani? Nafi keesani keesaniiniti, ammo ka Waaqaati;


Isani waan ch'ufa gama ala laltani. Eennu nami nama Kristo ufi sehu? Nami suni ha ammalle waan ufi hereguuti, wonti akasitiifi nuleeni akuma isaa nama Kristoti.


Mani Waaqa, waan harkaani boch'ani ka worri Waaqa imbeenne kad'atuuni wolintaani? Nu Mana Waaqa jiruuti! Akuma Waaqi ufiini jed'e, Anini mana kiyya worra woliini jaarad'e worra woliini taa, anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.


Waaqi aka, aka nu ilmaani isaa agarsiisu, Lubbu Ilma ufi erge garaa keenna ke kaye, ta Aabbo, Aabbo kiyya jettu.


Worri Kristo Yeso gula yau ya nafa ufi ijeese, d'araafi fed'i isaa ch'ufa woliini.


Isanileeni akasuma: gaafa dubbi d'uga d'ageetani, Odu Dansa ta baafamaani isanii d'ufte, isani Kristo d'ugefattani, jennaani Waaqi beesisa ufi isani ira keyate Lubbu Qulqullo ta kakhate isani kenne.


Isa keesa isanile, nama d'ibi woliini, ijaaru jirani, aka mana Waaqi Lubbu ufitiini keesa tau taatani.


aka Kristoni, garaa keesani keesati qubatu, maro d'ugefachatiifi. Anini inkad'ad'a, aka hiddafi yayabi keesani jaalala keesa tau,


Wonti akanatiifi anini imbeekha, waan kad'acha teesanitiifi maro qarqaarsa Lubbu Yeso Kristotiifi inuma gadi na lakisani.


Waan dansa ka harka keetiti kennani jabeesi, jabeenna Lubbu Qulqullo, ta nu keesa teetuni.


Hojja wonti kunini d'uftuufi aka isiini d'uftu barbaadani. Lubbuuni Kristo, ta worra keesa jirtu, hojja tana akheete, gaargala Yesoni argachu maleefi guddinna eegi suni d'ufu himte.


Nami seera Waaqa gula deemu ch'ufti Waaqa keesa jira, Waaqileeni isa keesa jira. Kara kanaani aka Waaqi nu keesa jiru beenna, waan inni Lubbu ufi nuu kenneefi.


Kara kanaani aka d'uguma Waaqa keesa jirru ammalle aka Waaqi nu keesa jiru beenna: inni ya Lubbu ufi nuu kenne.


Ammo ijoolle tiyya, isani ka Waaqaati, raagoota d'ara ya dabsattani; wonti akanatiifi Lubbuuni isani keesa jirtu lubbu worra lafa keesa jiru ira jabdu.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Nama maqa isaa kitaaba worra jiru keesati int'aafiini ch'ufa galaana ibida keesa buusani.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ