6 Nami waan nafa heregu indua, ammo nami waan Lubbu heregu jireennafi nagaya argata.
Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.
Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.
Ee Aabbo, amma tana guddinna naa kenni, guddinna nu ato lafti inuumamiini woliini qamnu suni.
Ammo miha lola ka Aabbo Yeso Kristo keyad'a, adaba keesani ka daba, ka d'araa nafa keesani quufsu lakisa.
Wonti akanatiifi Finni Waaqa waan nyaatani d'uganiiniti, ammo d'ugaafi nagayafi gammada Lubbuuni Qulqullooni namaa kennitu.
Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.
Nu duri nyaapa Waaqaati, ammo inni duisa Ilma ufitiini jaalaani nu tolfate. Amma nu jaalaani Waaqaati, tanaafi jireenni Kristo hagasi ira nu baasa!
Tanaafi amma waan ch'eera ka tolchitani kana dansooma maani ira argattani? Muummeeni waan kana dua!
Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.
Wonti akanatiifi dabi qoomni argate, seera keesa seene na sobe; kara seeratiini dabi na ijeese.
Gaafa nu d'araa nafa keenna gula yaane, d'araani dabaa ta Seeri tutuqe kaase nu keesa hojate duisaani d'ufte.
Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani.
Ammalle Waaqi, ka garaa nama ch'ufa argu, herega Lubbu imbeekha. Wonti akanatiifi Lubbuuni waasaani Waaqa kad'atti maro gumi isaatiifi ammalle fed'i isaa gula.
Tanaafi nami waan nafa heregu nyaapa Waaqaa taha; inni Seera Waaqa inguutu, guutule indandau.
Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,
Yo inni waan nafi isaa fed'u ch'alla oobrate, duisa murata. Yo inni waan Lubbuuni feetu ch'alla oobrate, Lubbu suni ira jireenna hegeri argata.