34 Eentu dandae wollaala worrati mura? Kristo Yesoni la due, ammalle la duisa keesaa kaasani harka mirga ka Waaqa teesisani; inni Waaqa nu kad'ata.
Maro naasutifi malaikaani waan jettu, Isa gad'iisi, isa fulla ekherati gabu d'owi. Anini ya waan isaani baasu arge, kuno tana.
Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?
ammo AABBO Waaqi harka nyaapa isaati illakisu, yokhaani hojja dubbi isa qorani aka wollaala iti murani ee injed'u.
wonti akanatiifi Waaqi ka na kalchu d'aatu tiyya jira. Nami dandae gaadisati na geese na himatu eenu? Dubbini teenna ha jaarole dura d'at'u! Inni ha himatuti!
Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.
hojja guyyaani sunini gahu, Israeli keesati ch'ubbu tokole inargani, Yuda keesale hameenni injiru; wonti akanatiifi anini worra hambise kana ch'ubbu isani inaraaramafi, nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.
Eegi Aabbo bo Yesoni jara ufiti dubbate, inni gubbati oldeebie, harka Waaqa mirgaani tae.
Eegi bulti diqo nami lafa deebie na inargu, ammo isani na agartani, waan anini jiruufi isanileeni injiraattani.
Guyya suni woma na ingaafattani. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Waan isani maqa kiyyaani Abba kad'attani ch'ufa inni isanii kenna.
Ammo Waaqi isa kaase, gaargala duisa keesaa isa baase, waan dooti dandeete isa indabsanneefi.
Tanaafi duuba, woli qoriiti lakimna. Fulla isii waan kana kutannaa: waan oboleesa keenna gufachiise daba keesa buusa intolchinu.
Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae.
Maro daba keennatiifi isa ijeesani, ammalle aka d'uga nu hereganiifi isa kaasani.
Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.
Ammalle Waaqi, ka garaa nama ch'ufa argu, herega Lubbu imbeekha. Wonti akanatiifi Lubbuuni waasaani Waaqa kad'atti maro gumi isaatiifi ammalle fed'i isaa gula.
Kristo woliini ya duisa keesaa isani kaasani. Tanaafi waan gubba jira barbaada, fulla Kristoni barch'uma ufi gubba tau, harka Waaqa ka mirga.
Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.
Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.
Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.
Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.