Anini mukha zabibuti, isani damele. Nama na keesa tae anileeni keesa tau ch'allati mid'aani guddo baasa; wonti akanatiifi na male dandeetani woma intolchitani.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.
Qonqo jabeennati d'ufa, qonqo malaika guddo, qonqo magalata Waaqa, Aabbooni gaafasi gubbaa gadi bua! Worri ato Kristo d'ugefatu due qara duisa keesaa kaa;
Isani la jila ilmaani angafa ta Waaqati d'uftani, ta maqa isaani gara Waaqa gubbati t'aafani. Isani la Waaqati d'uftani, ka dubbi nama ch'ufa qoru, lubbu worra d'uga ka qit'eele.