Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Roomaa 7:25 - KITAABA WAAQA

25 Galati Waaqa imbadiini, maro Aabbo Yeso Kristotiifi! Wonti anini keesa jiru tana: ufi tiyya seera Waaqa qalbi tiyya ch'alla keesati guuta, ammo nafi kiyya seera daba guuta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Roomaa 7:25
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Guyyaani ind'ufa, ka nami sirbe akana jed'u: Ee AABBO Waaqa, anini si faarsa! Atini qara ya nati dallante, ammo amma dallansuuni tante ya siraa galte, atini garaa na jabeesita.


Ee gubba, sirbi, ee lafa gammadi, lalabi! Gaareenileeni ha farqatte sirbitu! AABBO Waaqi gumi ufi jabeese, nama isaa ka gaargala qabu naha.


Ammalle anini waan jara hid'aansa keesa jiruni jed'u, Ga baha! Worra dukana keesa jiruleeni waan jed'u, Ifsaati ga baha! Worri akuma hooliye gaareeni gubba oole, adaala kubii ch'ufa ira d'eeda.


Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.


Wonti akanatiifi waan isani Seera jala injirre ammo eeba Waaqa jala jirtaniifi dabi isani imohatu.


Ammo galati Waaqa imbadiini! Duri isani tissele dabaati, ammo amma garaa keesani ch'ufaani barsiisa argattani ch'ufa guutani.


Wonti akanatiifi seeri Lubbu, ka jireenna maro Kristo Yesotiifi nuu kennu, ya seera dabaatiifi ka duisa jala naa baase.


Ammo galati Waaqa imbadiini, ka dabsacha nuu kennu maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi!


Maro qarqaarsa gudda kanatifi galata Waaqaa deebisu malle.


Waan ch'ufa keesafi hojja ch'ufa Waaqa Aabbo galata deebisa, maqa Aabbo Yeso Kristotiini.


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Waan tokole inqulqulliina, ammo kad'acha teesani ch'ufa keesati waan feetani ch'ufa Waaqa kad'ad'a guyya ch'ufa galata Waaqaa deebisa.


Waan isani jettaniifi waan tolchitani ch'ufa keesa maqa Aabbo Yesotiini tolcha, ammalle maqa isaatiini Waaqa Abba galata deebisa.


Aka d'akha jiru koota, aka mana lubbutiini isani jaarani, aka qaalole qulqullo taatani, sorio dansa ta Waaqi fed'u Aabbo Yeso Kristo keesa baaftani.


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ