Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Roomaa 7:24 - KITAABA WAAQA

24 Anini guddo gaargala qaba! Eentu nafa duisati na geesu kana keesaa na baasa?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Roomaa 7:24
36 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

kad'acha worraa d'agayifi. Hojja worri kanke ka Israeli nami tokoleeni gaargala ufi arge, harka ufi gara Mana Waaqa kana qabe Waaqa kad'ate,


Inni waacha worra hid'aansa keesa jiru d'agaye, nama duisa iti murani gad'iisa.


Anini seera kanketi d'arae hafuuri na ch'iita.


Gaargalaafi laalalti ya na qabate, ammo seeri kanke na gammachiisa.


Anini yayu aka hooliye bade kara iraa gore; anini seera kanke indeene, kooti, ana, hojattu tante, barbaadi.


Garaani kiyya guddo d'arae, hojja ch'ufa gorsa kanke beekhu fed'a.


Atini t'iya teetiini na woraante, lafaani na d'oofte.


Anini ya laalefad'e boha d'aqe ufi jibbaad'e, halkani ch'ufa sireeni tiyya imimaani kiyyaani jiiti, ilti tiyyaleeni d'impifte saabo tiyya ch'ooleesite.


Worri waan jed'u Waaqi ya lafa isa buuse; koota, yaane isa qamna, nami isa baasu injiru.


Inni hiyyeesa isa yaamatufi nama qarqaarsa inqamne, ka nami d'ibiini lakise, baasa.


Yayu reefa keesati na lakisani, anini nama fit'ani awaala keesa ch'iisu fakaad'a, ka atini deete, qarqaarsa kanke ch'ufa iraa kute.


Beeni, dira Yerusalemu kana ch'ufa keesa deemi, nama waan hamtu dira kana keesati tolchani ch'ufaa jed'e laalefate bohu, adda isaani beesisa ira kayi.


Atini ammalle deebite nuu naate ch'ubbu teenna ch'ufa nuraa fuute, d'immu baariini keesa buufta!


Ayyaana worra lalefatu: Waaqi garaa worra jabeesa!


Ayyaana worra d'ugaa jed'e beelae d'eebotu: worra akana kana inquufsani!


Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,


Nu waan kana imbeenna: finna keenna dullacha ya Kristo woliini maskali gubbati fannisani, aka jabeenna nafa dabaa balleesani, aka nu iti deebine tissele daba intaane.


Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani.


Wonti akanatiifi seeri Lubbu, ka jireenna maro Kristo Yesotiifi nuu kennu, ya seera dabaatiifi ka duisa jala naa baase.


Uumama ch'allaaniti, nu ka mid'aani qara ka Lubbu qamnu, nuleeni, ato aka Waaqi d'ufe ilmaani isaa nu tolfate nu baasu teteenne eegannu imboonayu.


Akasuma Lubbuleeni d'ufte nu qarqaarti, ato lalaafo taanele. Nu aka kad'achu malle imbeennu; Lubbuti Waaqa nu kad'ata, waasa nami dandae afaaniini injenneeni.


Isa keesa qabanqaba isani qabani, qabanqaba nami tolchuuniti ammo qabanqaba Kristoti, ta jabeenna nafa dabdicha kana jala nama baasu.


Ammalle Aabbooni hameenna ch'ufa keesaa na baase, haga anini Finna isaa argad'uuti na qorqorata. Guddinni ammafi hegerile ka isaa tahinna! Amini.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Akanaani worra haguma jiru tissele duisa tahe duisa sodaate, tissooma suni keesaa baasu.


Inni imimaani ch'ufa ila worraa iraa haaqa. Iti deebie nami induu, lalefachafi boafi d'ukubsachaani injirtu. Wonti duri ya badde.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ