23 Ammo aka seeri d'ibiini mita tiyya keesa hojatu arga, seera ka seera qalbiini tiyya feetu jibbu. Inni tisse seera nafa kiyya keesa jiru na tolcha.
D'ipu tiyya keesa na baasi; duuba maro dansuma atini na garsiifteefi anini gumi tante durati si faarsa.
Lafa ira nami tokoleeni, ka hojja ch'ufa d'uga tolche wollaala inqamne, injiru.
Yokhaani mita nafa keesani tokole dabati illakisina, aka waan hamtuuni intolchine. Ammo Waaqaa ufi kenna, aka nama duisa keesaa jireennati kaasani, ammalle mita nafa keesani ch'ufa aka huji dansaani tolchani baasa.
Anini maro laafinna nafa keesanitiifi akana dubbad'a. Duri isani tissele t'uritiifi ta waan hamtu taatani hameenna jabeesitani. Akasuma ammalle tisse d'uga ufi tolchu maltani, aka qulqulloomtani.
Nu aka Seeri waan lubbu heregu imbeenna; ammo anini namuma, aka tisse dabati na gurguratani.
Tanaafi anini aka seeri kuni huji hojatu inarga: yo anini waan dansa tolchu fed'u waan hamtu ch'allati nati gadi baha.
Galati Waaqa imbadiini, maro Aabbo Yeso Kristotiifi! Wonti anini keesa jiru tana: ufi tiyya seera Waaqa qalbi tiyya ch'alla keesati guuta, ammo nafi kiyya seera daba guuta.
Gaafa nu d'araa nafa keenna gula yaane, d'araani dabaa ta Seeri tutuqe kaase nu keesa hojate duisaani d'ufte.
Wonti akanatiifi seeri Lubbu, ka jireenna maro Kristo Yesotiifi nuu kennu, ya seera dabaatiifi ka duisa jala naa baase.
Wonti nafi keenna fed'u waan Lubbuuni feetuuniti; waan Lubbuuni feetule nafi imfed'u: worri wolii nyaapa, tanaafi waan tolchu feetani dandeetani intolchitani.
Wonti akanatiifi gaargala keesani ka daba keesati, d'iigi keesani injinne,
Nuuni ch'ufti wollaala heddu tolchina. Nami, waan jed'u keesati, wollaala intolchine qit'e jira, dandae nafa ufi ch'ufa qorqorata.
Had'iisafi loli jiddu teesani jiru ch'ufti eesaa baha? D'araa garaa keesani keesaa baha, ta hojja ch'ufa nafa keesaniini wolhaatu.
Anini isani kad'ad'a, jaalaani tiyya, ta aka keessumatiifi aka nama baqaa yau lafa tana keesa jirtani! D'araa nafa gula imbadiina, ta hojja ch'ufa lubbuuni woli haatu.