7 Wonti akanatiifi eegi nami due nama jabeenna dabaa jalaa baasani.
Ilmi Nama nyaate d'ugu d'ufe, ammo waan jed'ani, Kunini sabdifi nama farso d'ugu, jaala nama, damoosa guurufi nama daba. Tatule, qalbi Waaqa d'uga, waan isiini tolchituuni beekhani.
Hiyyo, akasiiniti! Nu gara dabaatiini ya doone, akami yoosi haga jirru ch'ufa daba keesa teenna?
Yo nu Kristo woliini doone ind'ugefanna aka isa woliini jiraannu.
Fakeennaa jenne, Seera gula, niitiini fuud'ani haga d'iirsi jiru ch'alla ta isaati; ammo yo inni due, isiini abba ufiiti.
Isanileeni akasuma, oboleyaani tiyya. Isanileeni gama Seeratiini ya dootani, waan isani mita nafa Kristo taataniifi; amma isani ka isaati, isa ka aka nu Waaqa durati wo baanu duisa keesaa kaasani.
Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.
Maro Kristoni nafaani gaargaleefi, isanileeni herega suniini ufi jabeesu maltani: wonti akanatiifi nami nafaani gaargale tokoleeni iti deebie daba keesa inseenu.