8 Ammo Waaqi ya jaalala ufi nu agarsiise; ato nu daba keesa jirru Kristoni nuu jed'e due!
Nuuni ch'ufti aka hooliye banne, abbu kara ufi gula bahe. Ammo AABBO Waaqi ch'ubbu teenna ch'ufa isa ira kaye.
Nami tokoleeni jaalala hagana ira inqabu, ta nami maro jaalaani ufitiifi duu.
Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.
Yo d'arti nu tolchine d'uga Waaqa agarsiifte ho? Maani jenna? Waaqi, hojja nu gaargalchu, inni nu inqajelchine jenna? (Aka namaa dubbachu jira.)
Maro daba keennatiifi isa ijeesani, ammalle aka d'uga nu hereganiifi isa kaasani.
Aka daba heddeesaniifi Seeraani d'ufani, ammo fulla dabi iti heddate eebiti Waaqaleeni hagasi ira guddatte.
Gaafa duri nu qarqaarsa inqamne, Kristoni maro worra dabaatiifi due, guyya Waaqi fohate.
Waan guddo d'ibaati, aki nami maro nama d'ugatiifi duu. Hegeri nami toko maro nama dansaatiifi ufi baase dua.
Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?
lafa gubbatiifi lafti gadileeni — wonti tokoleeni ta jaalala Waaqaatiini gargari nu baaftu injirtu, ta maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi teenna taate.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.
Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.
Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.
ammo maro tanaafi Waaqi ka ana gudda worra dabati nahe, aka Kristo Yesoni obsa ufi narati agarsiisu, aka anini worra hegeri isa d'ugefate jireenna argatu akheekha tahu.
Qaallu gudda ch'ufa aka inni galatafi sorio Waaqaa baasu fohatani, tanaafi qaallichi keenna guddaleeni wo baasu male.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
Aki nu jaalala beennu kana: Kristoni jireenna ufi nuu baase. Nuleeni duuba jireenna keenna oboleyaani teenna baasu malle.