18 Tanaafi akuma daba nama toko gula wollaala nama ch'ufati murani, akasuma hujiini dansaani toko, ta nami toko tolche, nama ch'ufa baafte jireenna kennitiifi.
Waaqi ya isa sorio namaa tolche, aka maro d'iiga isatiifi daba namaa araaramani. Araarama kana yo d'ugefatani argatani. Wonti Waaqi Kristo sorio tolcheefi, aka d'uga ufi agarsiisu. Duri Waaqi obse wollaala bira namaa dabre;
Ammo worri lamaani takaaniti; wonti akanatiifi toli Waaqa aka daba Adamu injiru. D'uguma nami hedduuni daba nama tokocha suni gula raawate. Ammo eebiti Waaqa hagasi ira jirti, ammalle toli inni nama heddu kennu, maro eeba nama toko Yeso Kristotiifi, hagasi ira jira.
Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.