16 Ammalle tola Waaqaatiifi dabi nama woli imfakaatu. Eegi daba toko tolchani qorsumaani wollaala namati murtu d'ufte; ammo eegi daba heddu tolchani, dubbi qorani, wollaala inqabdu jed'ani.
AABBO Waaqi waan jed'u, Koota, dubbi tana ilaala. Ato dabi keesani diimatele adi aka aanani tolchani, Ato inni aka male diimatele adi aka ch'aama tolchani.
Ammo hataatu, Waaqi daba isanii araaramu anuma, anini fed'uma tiyyafi akasi tolche. Anini deebie daba keesani isaniti inheregu.
Anini ch'ubbu teesani yayu aka dumansa dabarse; nati deebia, nami isani baasu anuma.
Wonti akanatiifi yo isani wollaala namaa araaramtani, Abbaani keesani ka gubbaleeni isani araarama.
Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.
Ammo Aabbooti nu qore nu qajeelcha, aka nama lafa woliini nu inqorre.
Worri Seera guutiti heregatu ya abaarame. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Nami waan Seera keesati t'aafani ch'ufa gula indeemne ya abaarame jetti.
Wonti akanatiifi yo nami seera ch'ufa guute, ammo toko yake, inni ya seera ch'ufa dabre.