Anini dira Ninawi gudda kana, ka nama kuma d'ibba tokofi diddama ira jiru qabu, ka nami suni mirgafi bita imbeenne, ka inni hori heddule qabu, nahu himmalle?
D'uguma daba nama toko gula dabi nama mohate, maro nama sunitiifi, Ammo wonti nami toko Yeso Kristoni tolche hagasi ira jirti! Nami eeba Waaqaatiifi tola d'uga isaa argatu ch'ufti jiraate lafa mohata, maro Yeso Kristotiifi.