13 Ato seerale imbaasiini dabi lafa jira, ammo maro seeri injirreefi daba namati inheregani.
Ammo worri Sodoma worra ch'ubbicha hama, ka Waaqa durati daba tolchu.
Jennaani AABBO Waaqi waan Abrahamuuni jed'e, Worri Sodomatifi ka Gomora ya guddo ch'ubbu tolche, waan sunifi worra guddo himatani.
Kooti, aabbo daad'i kennineefi macheesine bira ramna, aka ilme isaani argannu.
Akanaani dubra lachu abbaani garaacheese.
Ato keessumaani irafiinu, worri lafa suni, diqafi guddaani, woli gale mana Lutu marse.
Wonti inni tolche suni AABBO Waaqa diqole ingammachiimne, tanaafi AABBO Waaqi isale ijeese.
Eriini nama hama, hameenni isaa suni Waaqa dallansiise, tanaafi Waaqi isa ijeese.
Duuba Waaqa durati lafti hammaatte nami wolhad'e wolsaame.
AABBO Waaqi ch'inch'a fooni gubani suni suufe jennaani waan ufiini jed'e, Anini deebie namaa jed'e lafa inabaaru, ato heregi garaa isaa haguma inni d'alate hamale tahe, yokhaani anini waan lubbu qaba aka qara balleese kana deebie imballeesu.
Nami tokoleeni maro waan Seeri fed'u tolchuufi Waaqa ira d'uga inargatu: Seeri aka nami daba tolchu ch'alla nama agarsiisa.
Seeri dalansu Waaqaatiini d'ufa; ammo fulla Seeri injirre Seera ch'absitileeni injirtu.
Duisi jabeenna namaani d'ukubsu daba ira argata, dabileeni jabeenna ufii Seera ira argata.
Nu aka dua lakimne jireennati baane beenna; maro oboleyani teenna jaalannuufi waan kana beenna. Nami nama injaalanne duisa keesa jira.
Nami daba tolchu ch'ufti yayu seera Waaqa ch'abse, wonti akanatiifi daba tolchitini seera ch'absiiti.