12 Dabi nama toko gula lafa seene, ammalle dabi isaa suni duisa lafaani d'ufe. Tanaafi duisi nama ch'ufa gahe, maro nami ch'ufti dabeefi.
ammo mid'aani mukha waan dansaafi hamtu ch'ufa gargari nama hubachiisu inyaatini, yo nyaatte guyyuma suni doota.
Hojatte damfitu male, sagale inyaattu, haga biyye keesaa baateti deebituuti; atini qara biyye, biyyuma suniti deebita.
Duuba niitiini aka mid'aani mukha suni nyaataa dansatiifi ilaa mid'aago agarte, ammalle aka isaani hubacha namaa kennani d'ageennaani buqifte nyaatte d'iirsale kennite innileeni nyaate.
Anini haguma d'alad'e daba qaba, haguma duri garaa haad'a tiyya keesati uumame ch'ubbu qaba.
Lubbu nama ch'ufaa anumati harkaa qaba, ta abbootitifi ta ilmaanile. Abbuma ch'ubbamuti dua.
nami ch'ufti ya daba tolche guddinna Waaqa hanqate.
Tanaafi akuma daba nama toko gula wollaala nama ch'ufati murani, akasuma hujiini dansaani toko, ta nami toko tolche, nama ch'ufa baafte jireenna kennitiifi.
Akuma nami hedduuni maro wollaala nama tokotiifi nama daba tolchu tahe, akasuma nami hedduuni waan nami toko Waaqa ch'aqaseefi d'uga argata.
Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.
Tanaafi amma waan ch'eera ka tolchitani kana dansooma maani ira argattani? Muummeeni waan kana dua!
Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.
Duisi jabeenna namaani d'ukubsu daba ira argata, dabileeni jabeenna ufii Seera ira argata.
Nuuni ch'ufti duri aka worra suni jirra, d'araa nafa keenna gula yaane waan nafafi qalbiini teenna feetu ch'alla tolchine, ka sila akuma nama ch'ufa Waaqi nuleti dalanu male.
Duuba d'araani isaa hamtuuni taani garaachoofte daba d'alti; ammalle dabi, eegi guddate duisa d'ala.
Nuuni ch'ufti wollaala heddu tolchina. Nami, waan jed'u keesati, wollaala intolchine qit'e jira, dandae nafa ufi ch'ufa qorqorata.