Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Roomaa 5:1 - KITAABA WAAQA

1 Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Roomaa 5:1
53 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nami hojja guyyaani isaa gahe, waan ilmaani isaa iyyaala?


Yerusalemuu nagaya kad'ad'a waan jettani: Nami si jaalatu ha woi horatu.


Ammo yo nyaapi, gumi tiyyaa qarqaarsa naraa fed'ate, worri ha qara nagaya naraa barbaaduti. Ee, worri ha nagaya barbaaduti.


Waan nami ch'ufti d'uga gula deemuufi, lafti nagayafi finna dansa argatte, wonti ch'ufti tolti.


Anumati ilmaani tante barsiise nagayafi hormaata kenneefi.


Isani gammadaani godaantani, nagayaani iti d'aabattani, gaareenifi kubileleeni gammadde sirba baafte, mukhileeni gammade harka d'aa.


Duuba dubbini tana: Ch'ubbichi inhafu, ammo nami d'uga maro d'ugefacha isaatiifi injiraata.


Nami Mana Waaqaa jaare guddinna hayyu argate gosa ufii fidu isuma. Qaallichi toko barch'uma isaa ka hayyu d'aatu eje, wold'agayani woliini taani.


Waan jed'ani, Ee Waaqa hayyu maqa Waaqatiini d'ufu eebisi! Nagayafi guddinni Waaqa gubbaa ha tahu!


waan jed'e, Atini ato sila guyya kana waan nagaya, lafa tanatiini d'ufa beete, guddo dansa! Ammo ammatana la si d'ossani.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.


Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.


Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.


Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.


Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Wonti akanatiifi yo nami garaa ufitiini d'ugefate d'uga argata, afaani ufitiini himate baafama.


Dubbi akamiini odeesani yo nama odeesu inergiini? Akuma t'aafiini jettu, Miili worra odu dansa odeesu akami mid'aaga!


Wonti akanatiifi Finni Waaqa waan nyaatani d'uganiiniti, ammo d'ugaafi nagayafi gammada Lubbuuni Qulqullooni namaa kennitu.


Waaqi, ka abdi namaa kennu, gammadafi nagaya isanii kennina maro d'ugefacha teesani ta isani isa d'ugefattaniifi, aka abdiini teesani jabeenna Lubbu Qulqullotiini iti daramtu.


Waaqi, ka nagaya nuu kennu, isani ch'ufa woliini tahinna. Amini.


Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:


Waaqi toko ch'alla; inni maro d'ugefacha worraatiifi worra qabanqaba qabu d'uga heregaafi, akuma suni worra qabanqaba inqabatinile maro d'ugefacha worraatiifi d'uga heregaafi.


Ammo nami huji inhojanne, ka Waaqa nama wollaala qabuuni, Inqabdu jed'e ch'alla d'ugefate, Waaqi d'ugefacha isaa ilaale d'uga heregaafi.


Waan kana ch'allaaniti; nu maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi Waaqa keesa gammanna, ka amma jaalaani Waaqa nu tolche.


Tanaafi akuma daba nama toko gula wollaala nama ch'ufati murani, akasuma hujiini dansaani toko, ta nami toko tolche, nama ch'ufa baafte jireenna kennitiifi.


Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.


Maani jenna re? Wonti nu jennu tana: Gochiti d'ibiini ta d'uga imbarbaanne maro d'ugefachatifi d'uga argatte;


Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Ammo amma d'ugefachaani ya d'ufte, nu barsiisa suni jala injirru.


Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,


Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.


isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.


Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.


Nagayi Kristoni namaa kennu ha garaa keesani qoruti; wonti akanatiifi Waaqi garaa tokooni nagaya kanati isani ch'ufa yaame. Ammalle galata isa deebisa.


Waaqi nagaya nuu kennu, ka is isaa isani tolfatiinna, lubbufi onneefi nafa keesani wollaala ira d'owiina, gaafa Aabbo Yeso Kristoni d'ufu.


Aabbooni, ka nagaya namaa kennu, hojja ch'ufaafi guyya ch'ufa nagaya isani guutinna. Aabbooni isani ch'ufa woliini ha tau.


Waaqi la Aabbo keenna Yeso duisa keesaa Kaase. Inni d'iiga ufitiini Tissitu Guddo hooliye tissu tahe, ka wold'aqisa hegeri beesisaniini.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ