13 Waaqi Abrahamufi d'aloota isaati kakhate, Lafa ch'ufa sii kenna jed'eeni, Wonti kakhu tana kennaniifi waan Abrahamuuni Seera jabeeseeniti, ammo waan inni d'ugefannaani Waaqi d'uga heregeefi.
Nama si eebisu anini eeba kennaafi, ammo nama si abaaru anileeni inabaara. Si gula anini gosa ch'ufaa eeba kennaa.
Ani isii eebisa, aka isiini ilma sii d'altu. Ani isii eebise, isiini haad'a gosa heddu taate, ilmaani isiileeni ta gari hayyoota taati.
Isiini aka biyye tana taate, lafa tana mirgaa bitaa fud'atte sifi ilmaani teetiini gochi ch'ufti eeba argatti.
Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.
Na kad'ad'i, anini gosa lafa keesa jirtu ch'ufa sii kenna. Lafti ch'ufti haguma geetunu tante taati.
Hayyooti ch'ufti isaa durati jilbifate, gochiti ch'ufti isaa hojatti.
Nu Odu Dansa isaniti odeesina, aka kakhu suni ta ababooti teennati kakhatani,
Ammalle inni Abba worra qabanqaba qabate ch'ufa waan worri qabanqaba qabatefiniti, ammo waan worri faana d'ugefacha ta Abbaani keenna Abrahamuuni, ato qabanqaba inqabatini gula deeme gula yaanifi.
Tanaafi ijoolleeni aada nama gula d'alatte ta Waaqatiniti; ammo, ijoolleeni kakhu Waaqatiini d'alatte aka d'aloota d'uga heregani.
Yo isani ka Kristo taatani, isani d'aloota Abrahamuti, waan Waaqi kakhate inargattani.
D'ugefachati Nuhu gorsa Waaqa ka ilaani ingarre, ka hegeri taha, d'ugefachiise. inni dubbi Waaqa ch'aqase, hobolo ta keesati isaafi worri isaa bahe ijaare. Kara kanaani inni wollaala lafati mure, d'uga d'ugefachaani d'uftu argate.
Melkizedekiini d'aloota Lawitiniti, ammo qooda kud'anneeso Abrahamu iraa fud'ate, nama Waaqi kakhateefi argatte eebise.