Ato sila anini Efeso keesati bineensa ala had'e, maro fed'i namaatiifi, anini maani argad'e? Yo sila nama due jireennati inkaamne mammaasi toko waan jed'u, Arra nyaanne d'unna, bori indoona.
Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.