9 Worra hameenna tolchu ch'ufa gaargalafi d'ukubsachati eegata, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.
Ee AABBO Waaqa, gubbati ch'aqasi, hojattu tante dubbi worraa d'uga gula muri. Nama wollaala qabu wollaala iti muri, ka inqamne galakisi.
Ch'ubbichi gaargala ind'abu, ammo nama AABBO Waaqa d'ugeefatu jaalala isaa ta ind'umanneeni qorqoratani.
Wonti nami dansaani fed'u dansuma taati; yo nami hamaani waan fed'u argate nami ch'ufti indallana.
Lubbu nama ch'ufaa anumati harkaa qaba, ta abbootitifi ta ilmaanile. Abbuma ch'ubbamuti dua.
Tanaafi anini aka taka inargini worrati dallane waan hamtu worri tae kana gula aka ibida worra gube balleese. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa gudda.
Gosa lafa keesa jirtu ch'ufa keesa anini isani ch'alla ufiti aanse qorqorad'e. Tanaafi anini maro ch'ubbu teesanitiifi gaargala keesani guddisa.
Yo waan lafa ch'ufa argatani ammo jireenna ufii d'abani, maani namaa baati? Nami maani dandae gati jireenna ufiti baasa?
aka haga Yerusalemu iti keyatani iraa deebitifi araarama daba maqa isatiini gosa ch'ufati odeesu malani.
Waan kana d'ageennaani dubbi isaa quufani, Waaqa faarsani waan jed'ani, Waaqi gosa d'ibile ya daba iraa deebise jireenna kenneefi.
Oboleyaani, ilmaani d'aloota Abrahamufi isani ch'ufa ka Waaqa sodaattani, dubbi baafama tana gara keenna ergani.
Anini Yahudifi gosa d'ibileti layu hime, aka daba lakisani Waaqati deebiani Aabbo Yeso d'ugefatani.
Qara worra Damaski barsiise, ammalle worra Yerusalemu barsiise, duuba eege nama lafa Yudea ch'ufaafi ka gosa d'ibile ch'ufa barsiise aka worri daba lakise Waaqati deebie huji daba iraa deebiti garsiisu.
Eegi guyya sadi Pauloni jara gugurda Yahudi wolti yaame. Worri wolwoldeennaani inni waan worraani jed'e, Oboleyaani, ato anini waan biyya yokhaani aada ababoota teenna tokole iyakini, na hid'ani, Yerusalemu na fuud'ani, harka gosa Rumiti na kennani.
Tanaafi isani beekad'a, baafami Waaqa gara gosa d'ibi layu d'ufe, ammalle worri inch'aqasa! [
Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.
Wonti akanatiifi anini Odu Dansa iraa inch'eeru: isiini jabeenna Waaqa ka worra d'ugefate ch'ufaani baasani, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.
Wonti akanatiifi jiddu Yahuditiifi gosa d'ibile wolhanqooni injirtu; Waaqi Aabbo, inni nama ch'ufa imohata, nama isa yaamatu ch'ufa ineebisa.
Ammo Waaqi worra d'uga tolchu guddinnaafi ulfinnafi nagaya kenna, qara Yahudi, eegi suni gosa d'ibi.
Eentu dandae jaalala Kristo keesaa nu baasa re? Gaargalafi hameennafi d'aanichafi beelafi hiyyumafi lubbufi duisileeni indandaa?
Worri inni yaame nuu, Yahudi ch'alla keesaaniti ammo gosa d'ibile keesaa yaame.
Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.
Maro waan kanatifi Yahudiini yokhaani gochiti d'ibiini injirtu, nama qabanqaba qabatefi ka inqabatini injiru, nyaapafi nami aada imbeenneleeni injiru, tisseefi balchaani injiru, ammo Kristo ch'allati jira, ammalle waan ch'ufa isumati keesa jira!
Waaqi waan qajeela intolcha: inni worra isani gaargalchu ingaargalcha,
Hojjaani qorsuma ya geete, qaraa fiit'e worra Waaqaa qorani. Yo qara nuuni iti keyatani, worra Odu Dansa ta Waaqa ind'ugefanne maani tolchani?