Dabdichi ka hori dansa sorio suni male ree ufii keesa qabu, ka hori sorio himmalle naa baase, ha abaaramu. Wonti akanatiifi anini hayyu gudda, ka lafafi nami ch'ufti d'eetu.
Yo isani hori ballaafi naafa, yokhaani ka fayya inqamne, sorio naa d'uftaniini, isani waan suni dansaa seetani? Yo isani hori akasi gudda lafa teesaniti kennitani, inni ingammada? Yokhaani inni waan isani feetani isanii intolcha?
Waan anini isani gaafad'u, Nami AABBO Waaqa insoba? Achiini isani na sobdani ammo, Nu akami si somna? jettani. Aki isani na sobdani, waan qabdani kud'ani keesa tokofi waan d'ibi ka naa baaftanile keesa na sobdani.
D'alooti hamani Waaqa didu kunini akheekha mama, barbaada akheekhi mama ka anini nama garsiisu injiru ka Yona male. Duuba akasi jed'e kae worra bira iti d'aabate.