Worri aka Waaqi nami waan kana gula yau duaa male jed'u imbeekha. Ammo taatule waan kana tolchu illakisani, ammalle nama waan kana tolchule wolti quufani.
Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.