Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.
Ammo worri nama gugurda fakaattu anini waan kana maro waan worra iyaaleefi jed'a: Waaqi nafa nama gula nama inqoru jaaroleeni tuni waan haraa ka heredde tokole na indarre.
AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.
Worri d'ara gula dubbi qore, yokhaani nama ira inch'iisini. Ammalle gumbole inyaatini, wonti akanatiifi, gumbooni ila nama qalbi qabule duuchite, nama d'ugale kiyyibsifti.
Hojja Waaqa, ka nama ch'ufa waan inni tolche gula aka taka qoru kad'attani, Aabbo jettaniini; tanaafi haga lafa tana keesa jirtani isa sodaachu maltani.