waan worraani jed'e, Nami daima kana maqa kiyyaani jabeesu ya nale jabeese; nami naa jabeesu ch'ufti ka na erge jabeesa. Wonti akanatiifi nama isani keesa ch'ufa ira diqaati isani ch'ufa ira gudda.
Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.
Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.