Dame na keesa jirtu ta mid'aani imbaamne ch'ufa inni imballeesa, dame mid'aani baaftu ch'ufa inni kolkoleti mid'aasa aka mid'aani haga qarale ira baaftu.
Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.
Worri hojattu Kristoti? Aka maraata dubbad'a — ammo anini hojattu Kristo ka worra ira jiru. Anini ya worra ira hojad'e, ya worra ira na hid'ani, ya worra ira na d'aanani, ya worra ira duisati d'iaad'e.
Ammo worri nama gugurda fakaattu anini waan kana maro waan worra iyaaleefi jed'a: Waaqi nafa nama gula nama inqoru jaaroleeni tuni waan haraa ka heredde tokole na indarre.
Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.
Aristarkoni, ka hid'aansa keesa na woliini jiruufi Marikoni, dubriini Barnaba, nagaya isanii d'aamani. Isani ya qara d'aamsa waan isaa d'ageetani, aka yo inni d'ufu isa bulchitani.