9 Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae.
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
Kristoni akana gaargale duuba eege guddinna ufi seenu himmalle?
D'uguma waan anini isaniini jed'u, yo gumani dargaye toko lafa bue shame male, kobuma ufi taa, ammo yo shame biqile mid'aani heddu baasa.
Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.
Inni nuti d'aame aka nama barsiimne d'ugeesinu, aka nami Waaqi fohate isuma, ka dubbi nama jiruufi ka duele qoru.
Yo atini afaani kanketiini, Yesoni Aabbo jette, ammalle aka Waaqi duisa keesaa isa kaase d'ugefatte imbaafamta.
Jaalala Kristoni nu jaalatuuti nu mitisa, amma aka nami toko maro nama ch'ufatiifi due imbeenna, akasi jechaani nami ch'ufti ya due jechu.
Nu aka Yesoni due kae d'ugefanna; tanaafi aka Waaqi worra d'ugefate ka duele isa woliini d'ufuuni ind'ugefanna.
Inni maro teennaafi due, aka nu isa woliini teennu, ato gaafa inni d'ufu nu jiraanne yokhaani doonele.
Anini fuula Waaqatiifi ka Kristo Yeso, ka nama ch'ufa ka duefi ka jirule qoru durati si kad'ad'a: maro d'ufiisafi Finna isaatiifi,
Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.
Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.
Ammo worri kunini ch'ufti waan qara tolche, Waaqa nama jiruufi ka duele qorisa kurfo jiru durati himachu male.
Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.
Gara malaika gumi Smirna waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qaratiifi ka eegeeti, nama due kae.