8 Gati nama tokole imfud'atiina, gatiini isani qabdani ta jaalala woli ch'alla tahinna. Nami nama d'ibi jaalatu ch'ufti ya seera guute.
Akuma aka nami waan dansa isani tolchu feetani, akasuma namale tolcha; tunini dubbi Seeratiifi ta raaga.
Seera haraa isanii kenna, Woljaalad'a; akuma anini isani jaalad'e, isanileeni akasi woljaalad'a.
Nami oboleesa ufi aka ufi jaalatu jaalatu wollaala iti intolchu. Yoosi, jaalalti seera ch'ufa guuti.
Tanaafi waan worraa baasu malani baasa; damoosafi gibira baasa, guddinnaafi ulfinna worra ch'ufa agarsiisa.
Seeri ch'ufti Seera kana keesa jira: nama ch'ufa aka ufi jaalattu jaalad'u.
Waan kana ch'ufa jaalalati darad'a, ta wold'aqisaani isanii d'uftu.
Wonti nu seera kana baamneefi, aka jaalalti ta garaa dansa keesaa baatuufi ta qalbi dansaafi d'ugefacha dansa keesaa baatu, mullattu.
Yo seera hayyu suni, ka t'aafi qulqullo keesati t'aafani guuttani, ka, nama ch'ufa aka ufi jaalattu jaalad'u jed'u, ya waan dansa tolchitani.
Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.