Atini nama gammadaani d'uga gula deeme kara kanke jabeese qaabatu qarqaarta. Ato atini nuti dallantele, nu daba iraa indeebine, hojja ch'ufa inuma tolchina. Ato dallansuuni tante guddo taatele, nu haguma duriti ch'ubbuma gula yaane.
Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.